Hundeefamaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa
Waggoota kurnan lamaan darbanitti hirmaannaafi fayyadamummaa uummataa gama misooma fi bulchiinsa gaarii fooyyessuutiin biyyi keenya biyyoota galii giddugaleessaa qaban cinaa hiriirsuuf tumsa taasifamaa ture keessatti dameen konistiraakshinii qooda olaanaa gumaachee jira. Haata’u malee, hanqinaaleen adda addaa raawwii keessatti kan turan ta’uu qorannoowwan gaggeeffaman ni agarsiisu.
Kallattii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kennameen ogeessotni teeknikaa manneen hojii mootummaa irraa walitti babba'an rakkoolee pirojektoota naannoo akka qoratanii fi yaada tarkaanfii furmaataa dhiyeessan ta’ee qorannoon gaggeeffamees Caamsaa 2007 xumuramee dhiyaatee jira. Akkaataa bu’aan qorannichaa ibsutti dameen kun rakkooleen qulqullinaa, ilaalchaa fi gochaa kiraa sassaabdummaa, garaagarummaan fedhii fi dhiyeessii bal’aa ta’e kan keessatti mul’atu dha.
Kana malees damee kana qaamolee hedduun kan irratti hirmaatan waan ta’eef dandeettii qaamoolee kanneenii cimsudhaan haala itti fufiinsa qabuun jijjiirama keessa jiraachuu isaanii mirkaaneessuun dhimma murteessaa fi yeroon gaafatu dha. Bu’uuruma kanaan akka naannoo kenyaatti qaamni hojii reegulatorii konistiraakshinii abbummaadhaan hojjachuu qabuu fi rakkinaalee qorannoon adda bahanii fi kanneen biroos dhawaata dhawaataan furaa deemu waan barbaachiiseef, Abbaan Taayitaa Konistraakshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsii lakk 194/2008 Sadaasa 15/2008 hundeeffamee.
Ka’umsi hundeeffama Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa inni ijoon bu’uura kalllattii mootummaan kaa’een qorannoo bal’aa raawwii hojiiwwan ijaarsa pirojektoota mootummaarratti ogeessotni teeknikaa manneen hojii mootummaa irraa walitti babbahaniin gaggeeffamedha. Haala raawwii pirojektoota mootummaa hundaa sakkatta’uudhaan bu’aa argameen biiroon kun akka hundeeffamu ta’eera. Hojiin too’annoo fi hordoffii raawwii pirojektootaa bifa rakkoo hiikuu danda’uun iddoo tokkotti raawwatamaa kan hin turre ta’uu, qaamni hordofuu fi tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu mootummaadhaaf gabaasu akka hin jirre bu’aa qorannichaa irraa hubatameera. Kanaaf hojiiwwan ijaarsaa naannoo keenya keessatti gaggeeffaman uummata hirmaachisuudhaan ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabbii naannoo pirojektoota kanneeniitiin mul’achaa jiru karaa hiikuu danda’uun biiroo humna qabu hundeessuun waan barbaachiseef biiroon kun akka hundeeffamu ta’eera.