Rakkoo maxxansa Naannoo Oromiyaa hiikuuf piroojektii ijaarsaa mana maxxansaa oromiyaa (TBO) hojjetama jira.
Bara 2007 tti kan jalqabe mani maxxansa TBO yeroo amma mashinoota maxxansaa biyyaa alaa irraa galchun dhabbutti jira. Hojii gaggeessan mana maxxansa TBO Inj. Daani’el Guddisa akka dubbatanitti ijaarsi mana maxxansa kun erga jalqabe kan ture fi rakkoolee garagaraa kan qabu kan ture rakkoo kan furuuf Mootummaan ji’oota sadiin dura kallatti ka’ameen hordoffii fi too’annoo hojii ijaarsaa kan Abbaa taayitaa konistiraakshinii oromiyaan akka ta’u murteessera murteen kunis nuu fayyadera. Abbaan Taayitaa Konistiraakishinii hojii kanaf xiyyeeffannoo guddaa keenun oggeessa hordoffi fi to’annoo ijaarsa kan rammaduuni ijaarsa qulqulina qabu fi yeroo isa egate akka xumuramuf raawwii hojii kana torban torbanin Konitraakitaraa, Gorsaa fi Abbaa Piroojeektii waalin maarii gochun hojiin kun yeroo gabaaba ji’a sadii hin caale keessatti xumurufi qindoomina gaariin hojjeta jira.
Mani Maxxansa TBO kun yeroo xumuramu kitaaboolee barnoota fi maxxansa sadrakaa naannoofi biyyaatii baasii guddaa biyyi keenya baasitu hanbisuun gaalii biyyaa kan dabbalu ta’a.